Ityoophiyaan fayyadamummaa AGOA itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa deeggarsa akka taasisu gaafatame
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan fayyadamummaa AGOA( African Groth and opportunity Act) akka itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa deeggarsa akka taasisu gaafatamuu ibsame.
Komishinarri Komishinii Invastimantii aadde Lalisee Namee ogeessa olaantuu daldalaa Imbaasii Ameerikaa Yaasuu’ii Paay waliin mari’ataniiru.
Marichaan Ityoophiyaan fayyadamummaa AGOA akka itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa Komishinii invastimentii Ityoophiyaa waliin hojjechuun deeggarsa akka taasisu Komishinar Laliseen gaafataniiru.
Dabalataanis AGOAn faayidaa olaanaa invastimantii Ityoophiyaa fi qaamolee damecharratti bobba’aniif qabu ibsuu isaanii ragaan Komishinicharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.