Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ejjennoo hidha haaromsarratti qabdu hubachiisuf biyyoota garagaraatti jila ergite

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan ejjennoo hidha haaromsarratti qabdu hubachiisuf biyyoota garagaraatti jila ergaa jirti.

Bu’uuruma kanaan gareen jila Preezdaanti FDRI Saahilawarqi Zawdeen durfamu guyyaa har’aa Keeniyaa Naayiroobbiitti argamuun ejjennoo ifaa Ityoophiyaan hidha haaromsaarratti qabdu preezdaanti Uhuuruu Keeniyaataa hubachiisaniiru.

Gaggeessitoonni lameen marii hidha haaroomsarratti taasisaniin walqabatee ibsa ejjennoo waloo baasuu isaanii Waajjiiri Dubbi Himaa Ministeerri Dhimma alaa beeksiseera.

Haaluma walfakkaatuun, gareen jila Preezdaantii FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomee  durfamu har’aa eegalee Awrooppaatti argamuun ejjeenoo ifaa Ityoophiyaan hidha haaromsaarratti qabdu ni hubachiisu.

Jilichi turtii isaan Preezdaanti Gamtaa Awrooppaa, Faransaay akkasumaas hoggantoota biyyoota biroo waliin walarguun ejjeennoo Ityoophiyaan hidha haaromsaarratti qabdu hubachiisuun sochii diipilomaasii taasisaa jiru.

Fulduratti haaluma walfakkatuun gareen jila Ityoophiyaa olaanoon Ameerikaa fi biyyoota biroorra naanna’uun ejjeennoo Ityoophiyaan hidha haaromsaarratti qabdu akka hubachiisan ni eegama.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.