Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ejjennoo hidha haaromsaa irratti qabdu irra deebiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif beeksifte

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan ejjennoo hidha haaromsaa irratti qabdu irra deebiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif beeksifte.

Ityoophiyaan ejjennoo hidha haaromsaa irratti qabdu irra deebiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xalayaan beeksifte.

Hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha ilaalchisuun Gibts gaaffii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessuun walqabatee Ityoophiyaan ejjennoo qabdu irra deebiin mana marichaaf ibsa taasifteetti.

Kanaanis, Ityoophiyaan hidhichi sodaa nageenyaa fi tasgabbii ta’uu dhabuu mana marichaaf beeksifteetti.

Gibts waliigaltee biyyoota sadeen gidduutti adeemsifamaa jiruu fi xumura hin argannee cinaatti dhiisuun Sanbata darbe yeroo lammaffaaf gaaffiin mana marichaaf dhiyeessite fudhatama kan hin qabnee fi Ityoophiyaan gochichaatti gadduudha kan ibsite.

Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw mana marichaaf ergan, hidhi haaromsaa Ityoophiyaan ijaaraa jirtu biyyoota yaa’insa gadii akka hin miinee fi sodaa nageenyaa fi tasgabbii akka hin taanee irra deebiin mirkaneessaniiru.

Kanarra kan darbe adeemsi Gibts Ityoophiyaarratti dhiibbaa siyaasaa fi dippilomaasii hin barbaachifne kaa’uuf yaaludha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.