Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasiftuuf Raashiyaan deeggarsa ni taasifti- Ambaasaaddara Raashiyaa

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan tattaaffii dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasiftuu Raashiyaan deeggarsa akka taasiftu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ivgaanii Tarkiin dubbatan.

Ambaasaaddar Ivgaaniin, jijjiirama qilleensaa irratti tattaaffii Ityoophiyaan taasiftu ilaalchisuun yaada kennaiin, jijjiiramni haala qilleensaa qabeenya bishaanii hir’isuun, oomisha qonnaarratti dhiibbaa uumuun rakkoolee biroo walxaxoo hordofsiisuu fi qormaata addunyaa ta’uu ibsan.

Kunis naannawaa tokkotti kan murtaa’u waan hintaaneef tumsa Idil Addunyaa cimsuun dhiibbaa kana ittisuun barbaacisaa ta’uu dubbataniiru.

Gama kanaan tattaffii Ityoophiyaa dinqisiifatanii kanas Raashiyaan deeggarsa taasisuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Hojii misooma Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasiftu Ruusiyaan damee qorannootiin deeggaruuf fedhii akka qabdu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.