Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan dhiibbaa alaa injifattee ba’uun Afrikaafis Injifannoodha- Dooktar Mihirat Dabbabaa

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan dhiibbaa alaa yeroo ammaa irra ga’aa jiru  injifattee ba’uun Afrikaafis Injifannoo ta’uu Preezdaantiin Akkaadaamii Hoggansa Afrikaa  Dooktar Mihirat Dabbabaan ibsan.

Ityoophiyaan yeroo seena qabeessarra jiraachuu fi Afrikaanonni Ityoophiyaa cina dhaabbachaa  jiraachuu ibsaniiru.

Waraana fi dhiibbaa alaa yeroo ammaa Ityoophiyaarratti baname injifannoon goolabuun ala filannoon bira kan hin jirre ta’uu eeraniiru.

Dhaloonni ammaas akkuma kaleessaa waraana kana injifachuun seenaa haaraa galmeessuu akka qabu kaasaniiru.

Ityoophiyaa biyya guddoo ni taasifna jedhamee yeroo ka’ametti biyyoonni lixaa biyya guddoo akka hin taaneef nurratti ka’aniiru jedhan.

Fedhii isaanii kana milkeessuuf garee shororkeessaa ABUT akka meeshaatti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waraana Ityoophiyaarratti gaggeeffamaa jiru qolachuuf hundi ambaasaaddara biyya isaa ta’uutu irraa eeggama jedhan Dooktar Mihirat.

Biyyattiin rakkoo seente keessaa akka baatuuf waraanicha salphisanii ilaaluu dhiisuun hundi qooda isaa ba’achuu qaba jedhaniiru.

Hundi dhaloota dhufuuf yaaduun  kutannoon ka’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.