Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Chaayinaa waliin daldalaa alaa qabdu fooyyessuuf hojjetamaa jira-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaan chaayinaa waliin daldala alaa qabdu fooyyessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Ministeerii Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Siimpooziyamiin ce’umsa beekumsaa Chaayina-Afrikaa, Chaayinaa Magaalaa Beejiingitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti kan hirmaachaa jiran Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa Fi Walitti Hidhamiinsa Naannwaa Kaasaahuun Gofeen, Chaayinaatti daldaltoota bitoota midhaanota zayitaa Ityoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu kaasan.

Chaayinaan oomishaalee qonnaa alergee Itiyoophiyaa kan fudhattu ta’uu ibsanii, biyyoonni lameen gufuulee daldala alaarratti mul’atan furuuf waliigalteerra ga’amuu himaniiru.

Baatiiwwan dhufanittis Chaayinaa waliin daldalli jiraatu fooyya’iinsa akka argisiisu amantaa qaban gama miidiyaa hawasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.