Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan CDC’f deeggarsa taasisuu itti fufti-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwanii Afrikaaf (CDC) deeggarsa irraa eegamu taasisuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Ittaanaa Muummee Ministira fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Daayrektara Olaanaa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwanii Afrikaa Dooktar Zhiin Kaaseyaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan marichaarratt, giddugalichi ajandaalee fayyaa Afrikaa fuulduraatti tarkaanfachiisuuf kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.

Dooktar Zhiin Kaaseyaa gama isaaniin, wajjirri olaanaa giddugalichaa Ityoophiyaatti akka hundaa’uuf tumsi Ityoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru.

Giddugalichi biyyoota miseensotaaf deeggarsa teekinikaa fi gorsaa taasisuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Giddugalli Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwanii Afrikaa erga hundeeffamee kaasee, gumaacha Ityoophiyaan taasisaa jirtu dinqisiifachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.