Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan buna dhandhama addaa egzibiishinii idil addunyaarratti beeksiste

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan buna dhandhama addaa egzibiishinii buna dhandhama addaa idil addunyaa Jaappaan Magaalaa Tookiyootti gaggeeffamaa jirurratti beeksisuun ibsame.

Egizibiishinichi Onkololeessa 11-14, 2022 kan gaggeeffame yoo ta’u, egzibiishinicharratti oomishtoonni, ergitoonniifi alaa galchitoonni hedduun oomishaalee isaanii dhiyeessuun eerameera.

Waltajjicharratti ergitoonni, waldaan buna Ityoophiyaa fi waldaalee daldalaa fi seektaraalee 40 ol hirmaataniiru.

Egzibiishinicharratti Ityoophiyaan buna dhandhama addaa daandilee garaagaraan beeksisuu dandeesseetti jedhame.

Hirmaattonni waltajjichaas alergitoota Jaappaanii fi biyyoota biroo waliin hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirrattis mari’achuun ibsameera.

Jaappaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Darriboo, biyyoota bunaa ergitoota keessaa adda duree kan taatee Ityoophiyaan damechaan faayidaa maluuf akka argattuuf oomisha beeksisuurratti xiyyeeffattee hojjechuu akka qabdu hubachiisuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.