Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan biyya waan facaasan mara biqilchitu, dachee badhaatuudha – Pir. Shimallis

Finfinnee, Hagayya 14, 2015 (FBC) –Ityoophiyaan haala mijataafi Dilbii Oomisha qonnaatiif gahaa ta’e biyya qabdu qofa osoo hin taane, biyya waan facaasan mara biqilchitu, dachee badhaatuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Yoo cimnee irratti hojjenne immoo oomisha irraa haramee hin galle kan kennitu ta’uu qabatamaan argineerra jedhan.
Ergaan Pireezidaanti Shimallis Abdiin dabarsan haala amaan gadiin dhiyaateera.

Waggoottan muraasa darbanitti immoo Gosoota oomishaa xiyyeeffannaa kennineefi hojjechaa turre Avokaadoofi kuduraa fi fuduraa gara garaatiif illeen haala qilleensaa mijataafi baay’ina oomishaa barbaadnu oomishnee argachuu akka dandeenyu hubanneerra. Kanarraa ka’uun, oomishaaf oomishtummaa midhaan nyaataa dachaan dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuun cinaatti oomisha gabaa alaatiif oolan oomisha akka Avokaadootiif xiyyeeffannaa addaa kennineefi hojjechaa kan jirru yoo ta’u, hojii kanaanis milkaa’ina guddaa arganneerra.

Avookaadoon oomisha gabaa alaatiif erguun sharafa guddaa biyyaaf argamsiisaa jiran keessaa tokko yoo ta’u, Akka Naannoo Keenyaatti Kilaastara misooma Avokaadootiin ”Diklaareshiinii Avokaadoo Ada’aa” eega jalqabnee as lafti hektaarri kuma 16 ol Sanyii Avokaadoo gabaa alaatiif baay’ee barbaadamaa ta’een uwwifameera.

Biyyi keenya badhaadhina barbaaddu bira kan geessu baay’inaan, Saffisaanfi qulqullinaan yoo oomishte qofa waan ta’eef, oomisha Avokaadoo bara darbeerra caalmaa guddaa qabu oomishuunifi gabaa alaatiif dhiheessuun sharafa biyyi teenya argattu daran guddisuuf hojjechaa jirra! Qonnaan bultoonni keenya oomisha Avokaadoo irratti bobba’anis galii olaanaa argachuun diinagdee keenya fooyyessuu keessatti gahee isaanii bahachuurratti argamu!

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.