Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan biyya qormaatileen hin injifatamne ta’uu bara baraan argisiisuun ragaa jiraataadha- Obbo Tafarii Fiqiree

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan biyya qormaatileen hininjifatamne ta’uu bara baraan argisiisuun ragaa jiraataadha jechuun Ittigaafatamaan Waajjira Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Obbo Tafarii Fiqiree dubbatan.

Hojjettoonni waajjirichaa sagantaa “Ityoophiyaan haa galateeffattuu” gaggeessaniiru.

Obbo Tafarii Fiqireen saganticharratti, Ityoophiyaan gita bittootaaf kan hinjilbeenfanne, shira fashaleessuun, birmadummaa ishee kabajchiistee turteetti jedhan.

Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa tattaaffii Ityoophiyaanotaan ijaaruun, anniisaa akka maddisiisu taasisuun mallattoo injifachuu isheeti jedhanii, Waaqa akka kana hojjettuuf jajjabeesse galateeffataniiru.

Ityoophiyaan damee ispoortiinis durirraa eegalee hanga ammaatti tarree biyyoota addunyaa guguddootti alaabaan ishee akka mirmirfamuu kan taasisan atileetota galateeffataniiru.

Ityoophiyaan seenaa ishee itti fufsiisuu kan dandeesseedha kan jedhan Obbo Tafariin, waggoottan muraasa darban qormaatilee mudatan tokkummaa biyyaalessummaan ce’uun akka danda’ame ibsaniiru.

Qormaata hooggansi biyyatti hanga adda waraanaatti duuluutti geessise keessa turuu himanii, hoggantoonnii fi ummanni waldubbisuun biyyaattii soda diigumsaa keessaa baasuu ibsaniru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.