Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan biyya lammiileen hundi walqixxummaan keessa jiraatan ta’uu qabdi-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 ( FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii mana maree bakka bu’oota uummataarratti gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif wayita deebii laatan Ityoophiyaan biyya lammiileen hundi walqixxummaan keessa jiraatan ta’uu qabdi jedhaniiru.
Ummaanni Oromoo fi Amaaraa wal waraanaan Ityoophiyaan hin jirtu jedhan.
Oromoo fi Amaaraa walitti buusuuf qaamolee karoorfatanii hojjeteeniif karaa banamuufi hin qabnu jedhaniiru.
Duula olaantummaa seeraa walqabsiisee qaamooleen tokko tokko nageenyaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuufis waraannii ni gaggeeffamaatti amanuu jedhan.
Waraanaa gaggeessuun gama maraan miidhaa guddaa qaba jedhaniiru.
Uummanni Tigraay sagaleen rasaasaa kan duraa dhaga’aa turee akka hin dhageenyeef taattaaffiin taasifameera jedhan.
Yakka ABUT waggoota 27f raawwateen bakka bu’een uummata Ityoophiyaa dhiifama gaafadheen ture jedhan Dooktar Abiy.
Waraanni akka hin gaggeeffamneef hoggantoota ABUT kadhachaa turus, namoota bebbekamoo jaarsuumaa ergaa tureera jedhan.
ABUT taattaaffii taasifamee kana hunda fudhachuu dhabuun gara lolaatti galeera jedhaniiru.
ABUT waggoota 27 wayita aangoorra tureetti jiraattoonni naannoo Tigraay miiliyoonni 1.8 seeftineetiidhaan jiraata turan jedhaniiru.
Maqaan ABO Shanee jedhamuu xiqqoo rakkisaadha ABO maqaa keenya miti waan jedhuuf, shiftaan kun eessaa ture, leenjii eenyuurraa akka fudhatuu uummaanni hubachuu qaba jedhaniiru.
Wallaggaatti baatiwwan hedduuf bilbillii adda cite ture.
Uummatichi yeroo rakkoo hammataa keessaa turees qamni alaa tokko na gaafatee hin jiru jedhaniiru.
Naannoo Tigraayitti yakki nama ukkaamsuu fi ajjeessuun ammas itti fufeera jedhan.
Hidhattoonni garee ABUT namoota deeggarsa namoomaa laachuuf gara naannichaa imalan dabalatee namoota nagaarratti yakka ajjeechaa fi ugguruu raawwataa jira jedhan.
Mootummaan lammiilee ugguraman kanneen baraaruuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibsan.
Loltoota Raayyaa Ittisaas ta’ee kanneen biroo naannoo Tigraayitti yakka sarbama mirga namoomaa raawwatan kamiiyyuu seeraan ni gaafatamu jedhan.
Gabaasni sarbama mirga namoomaa qaamolee garaagaraan dhiyaatu lakkoofsaan garagara ta’us akka mootummaatti nama dhuunfa tokko irrallee miidhaan akka ga’u hin barbaadu jedhan.
Bu’uuraalee misoomaa naannoo Tigraayitti barbadaa’an suphuuf mootummaan baasii birrii biiliyoona 1 olii baasuu ibsaniiru.
Lammiilee Eertiraa godaansaan gara Ityoophiyaa galan kuma dhibba 2 ol keessaa kumni 90 naannoo Tigraay keessa kan jiraatan yoo ta’u, naannoon namoota kuma 50 ammoo naannoo Afaar keessa jiraatu jedhan.
Ityoophiyaan godaantoota biyyoota adda addaarraa dhufan kamiiyyuu humna qabduun deeggarsa barbaachisu hunda ni taasiifti jedhan Dooktar Abiy.
Namoota sagalee dhabaniif osoo hin taane namoota maallaqaan sagalee bitataniif addunyaan iyyiti jedhan.
Gareen ABUT maallaqaan sagalee bitachuun biyya diiguuf dhama’aa jiraatus, Ityoophiyaan rakkoo jiru hunda dandamachuun badhaadhina barbaaddamurra yeroo dhiyeetti ni geessi jechuun ibsan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.