Ityoophiyaan bittaa fi gurgurtaa mobaayilaan raawwatamuun Doolaara biiliyoona 5.3 dabalataan argatti-Qorannoo
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan Bara faranjootaa 2023’tti galii biyya keessaa waggaatti argattuutti dabalataan, bittaa fi gurgurtaa gama moobaayilaan raawwatamuun galii dabalataan Doolaara biiliyoona 5.3 ta’u akka argattu Qorannoon Idil Addunyaa akeeke.
Guyyaa har’aa daldala dijitaalaawaa mobaayilaan gaggeeffamurratti qorannoo fi qo’annoowwan kan gaggeessu Dhaabbanni ‘GSMA’ jedhamu bu’aa qorannoo waggaa ifoomseera.
Bu’aa qorannoo waggaa kanaa ifoomseen, Ityoophiyaatti bittaa fi gurgurtaa mobaayilaan gaggeeffamuu fi maallaqni diinagdeen dijitaalaa sochoosu dabalaa dhufeera.
Biyyattii damee daldalaa dijitaalaaf xiyyeeffannaa kennuun yoo hojjette, sirna kaffaltii moobaayilaan raawwatamuun galii gibiraa waggaa kan walitti qabamu ta’uun eerameera.
Kanaanis damichaan galiin biyya keessaa waggatti walitti qabamu akka guddatuu fi diinagdeen biyyattiis salphaatti rakkoof kan hinsaaxilamne akka ta’u qorannichi akeekeera.
Gibiraa mobaayilaan walitti qabamuun biyyattiin Doolaara miiliyoona 300 ta’u kan argattu ta’uun ibsameera.
Dabalataan, sirnichaan namoonni kuma 700 ta’an sadarkaa hiyyummaa keessaa akka bahan qorannichi ibseera.
Qorannoon ‘GSMA’ akka eerutti, bara farnajootaa 2023 Ityoophiyaatti namoonni moobaayila fayyadaman %60 ga’u jedhameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.