Ityoophiyaan biqiltuu Eeritraaf ergite
Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan haaluma biqiltuu biyyoota ollaaf laachuuf waadaa galteen marsaa jalqabaan Eeritraaf ergamuu Koreen Teeknikaa sagantaa Ashaaraa magariisaa ibseera.
Akka biyyatti biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfamee raawwatamaa tureera.
Karoorri Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kana haala gaariirratti kan aragamu ta’uu Qindeessan korichaa Dooktar Adfaris Warquun ibsaniiru.
Naannolee biyyattii rakkooleen nageenyaa muudatanitti karoorri dhaabbii biqiltuu haala barbaaddameen kan hin milkoofne ta’uu kaasaniiru.
Keessattuu Naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti karoorri ashaaraa magariisaa duubatti hafuu kaasaniiru.
Karoorri Ityoophiyaan biqiltuu biiliyoona 1 biyyoota ollaaf laachuuf karoorfatte haala gaarirra jiraachuu eeraniiru.
Biyyoonni murtaa’an hamma fedhii biqiltuu fi yeroo dhaabbii karaa Qoonsilaawwan Ityoophiyaan odeeffannoo ergaa jiraachuu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.