Ityoophiyaan barnootarratti waltajjii qabeenyaa walitti qabuu idil addunyaa waamamerratti hirmaatte
Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan damee barnootaarratti waltajjii qabeenyaa walitti qabuu idil addunyaa waamamerratti hirmaateetti.
Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeessar Birhaanuu Naggaan waltajjicharratti Ityoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan yoo ta’u, ergaa dabarsaniin mul’ata daa’imman miiliyoona 222 dhugoomsuuf haa tumsinuun waamichaa dhiyeessaniiru.
“Haala Rakkisaa Keessatti Barnoota Hogganuu” mata duree jedhuun muuxannoo Ityoophiyaa hawaasaa idil addunyaaf qooduu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
Weerara vaayirasii koronaa, hongee, walitti bu’iinsaa fi dhiibbaawwan biroon wayitaa Ityoophiyaa qormaata keessa galchanitti, dandamachuun barnoota itt fufsiisuun barattoonni miiliyoona 10 barnootarra akka turan taasisuu akka dandeesse kaasaniiru.
Wayita kanatti Mootummaan Ityoophiyaa Damee Barnootaaf baajata %22 ramaduu ibsaniiru.
Waltajjicharratti gabaasa qorannoo dhiyaateen sadarkaa idil addunyaatti daa’immaan %78 gara barnootaatti ergamanii akka hinbeekne fi koonfiraansichi furmaata barbaaduuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.