Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan bara dhuftu jalqabarra saatalaayitii lammaffaashee gara hawaatti erguufi

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan bara dhuftu jalqabarra saatalaayitii lammaffaashee gara hawaatti kan ergitu ta’uu Inistiitiyuutiin Saayinsii Speesii fi Teeknooloojii beeksise.
 
Daayreektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dooktar Salamoon Balaay akka himanitti, Ityoophiyaan bara dhuftu jalqabarra saatalaayitii naanoo lammafaashee gara hawaatti ni ergiti.
 
Saatalaayitii lammaffaan gara hawaatti ergamtu kun kanaan dura Muddee 2012 keessa gara hawaatti kan ergamte ETRSS-1 fayyadamuun ragaalee argamuu hin dandeenye argachuuf gargaarti jedhan.
 
Muuxannoon kanaan duraa hojii isa lammaffaaf hojjetamu kan salphisu ta’uu “EBC”n gabaasera.
 
Saatalaayitii Muddee keessa gara hawaatti ergamterraa baatii 5 keessatti ragaan dhaabbilee qorannaa fi barnoota olaanoo gargaaru kan Birrii miiliyoona 3 tilmaamamu argameera.
 
Ityoophiyaan waggoota 15 itti aananitti saatalaayitoota 10 gara hawaatti eguuf hojjechaa jirtis jedhameera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.