Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan bara baajata qabamet 6% ol guddina galmeessisuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan bara baajata qabamet 6% ol guddina galmeessisuun ibsame.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaaffiiwwan garagaraa miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataa irraa dhiyaateef ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan bara baajata qabamet 6.1% guddina galmeessifteetti jedhame.

Ityoophiyaan bara baajata Faranjootaa 6.1% guddina diinagdee galmeessuu muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad beeksisaaniiru.

Bara darbeetti dameewwan baankoota baayyateera; lakkoofsi dameewwanii 18% guddachuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy baayyachuun dameewwanii jijjiira guddaa fideera. Bara darbe lammiileen herreega qaban miiliyoona 38.7 ture. Wayita ammaa garuu lammiileen miiliyoona 50.7 herreega banachuu himaniiru.

Kun qofti 31% guddina galmeessuu ni argisiisa jedhan.

Baankonni qusannaan Birrii tiriiliyaana 1 walitti qabaniiru. Qabeenya walitti qabameerra 60% kan ta’an Finfinnee kan argamurraati. Oromiyaa irraa 13.7% walitti qabameera. Amaaraarraa 7.3%, Kibbarra 5.2% yoo ta’u kan hafe naannoleee biro irraa walitti kan qabamedha.

Maallaqa bara kana walitti qabamee keessaa Birriin biiliyoona 200 fi biiliyoona 71 baankoonni liqeessaniiru. Kana keessaa 70% seektara dhuunfaaf kan laatamedha.

Dameewwan weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaa irraa ga’ e jira jedhaniiru.

Kanneen keessaa geejjibni guddina irraa eegamu 21% gaddi aanaa muldhiseera.
Barnoonni 1.8% qofa kan guddate.

Tajaajjilli ummataa 2.3% qofa guddina agarsiise.

Turizimiin 9% kufeera.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mootummaan tajaajila turizimii fi hoteelaaf midhaa sababa koronaan irra ga’eef liqaa Birrii biiliyoona 3.3 mijjeesseera jedhaniiru.

Bara kana damee fayyaaf Birrii biiliyoona 16 kan ramadame, bara darbe waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dameewwan guddina agarsiisan keessa isa tokkodha.

Gaaffiin baankii haaraa hundeessu gara 20 ta’uu dhiyaateera. Bayyeen isaa adeemsi isaa xumuramee gara diinagdeetti yoo makaman ga’ee guddaa taphatu.

Baatii Adoolessaa, Hagayyaa fi Fulbaanaa hojiiwwan hojjetaman keessaa tokko jijjiirraa maallaqaati. Jijjiiraan kun kan barbaachise, guddina barbaadamu fiduufi.

Jijjiirraa Birrii booddee namoonni miiliyoona 1.3 herreegaa haaraa banataniiru. Kanaanis Birrii biiliyoona 37 qusatameera.

Maallaqni seeraan alaa too’atameera.

Haala hanga ammaa tureen sochiin maallaqa jijjiiruu irratti guutummaatti sadarkaa barbaadamuun raawwatameera.

Shaqatootarraa galiin daldala alaa baatii Adoolessaa, Hagayyaa fi Fulbaanaa fulbaanarra galiin Doolaara miiliyoona 800 fi miiliyoona 32.3 argameera.

Kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 15% guddina agarsiiseera.

Baatii sadan darbanitti galiin ture Birrii biiliyoona 63.1. karooraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 106% kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu ammoo 10% guddina agarsiiseera.

Baatii sadan darabanitti sharafa alaa kuusuu kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 20% guddina agarsiiseera.

Baasiin kaappitaalaa baatii sadan darabanitti Birriin biiliyoona 96 baasii ta’eera.

Qaala’insi gatii baatiwwan sadan darbaan hir’iseera. Garuu ga’aa miti.

Hidha haaromsarratti bara darbe hojii boonsaan hojjetameera.bara kanaas hidha haaromsaa haala gaariin hojjechuuf qophaa’uu eerameera.

Hidhi haaromsaa hordoffii cimaa fi deeggarsa kan barbaachisudha.

Bakkeewwan hoomaa Awwaanisaa qaqqabetti lafti heektaaraa miiliyoona 4 ta’u qotameera; kanneen keessaa miidhaan kan qaqqabe lafa heektaara kuma 400 fi kuma 20 dha.

Hoomaa awwanisaa haala amma jiruun hin too’atamu yoo ta’e hammi nuti oomishni gadi bu’uu danda’a.

Miidhaa lolaaf qophii ga’aa waan hin taasifneef namoota kuma 600 olirratti miidhaa qaqqabsiiseera. Garuu lubbuun nama tokkoo hin dabarre.

Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaan lubbuun darbe keessa 90% hoospitaala erga ga’anii qorannoo reeffaan kan argamu.

Wayita ammaa biyya weerara vaayarsii koroonaa ittisuun sadarkaa gaarii qabdu taaneerra. Ammas ittisuun itti fufa.

Biyyoota 195 keessaa biyyoota 32 irraa kan hafe hundi mana barumsaa bananiiru.

Afrikaarraa biyyoota 7 irraa kan hafe hundi mana barumsaa bananiiru. Ityoophiyaanis manneen barnoota banuuf qophii taasisaa jirachuu ibsaniiru.

Manneen barnoota dabalataa ijaarameera. Haguuggiin Afaanii fi funyanii miiliyoona 52 qophaa’eera.

Rakkoon naannoo Beenishaangul Gumuuzitti uumame wal xaxaadha. Rakkinichi humnoota hidhataniin raawwatamaa jiruu fi hidha haaromsaarratti kan xiyyeeffatedha.

Raayyaa Ittisa Biyyaa naannichaatti hojii gaarii hojjechuu ibsuun naannicha nageenya waaraa fiduuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.