Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan bara 2050’tti gadi lakkifama kaarboonii zeeroorraan gahuuf hojjechaa jirti- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 8, 2015(FBC)- Ityoophiyaan bara faranjootaa 2050’tti gadi lakkifama kaarboonii zeeroorraan gahuuf galma kaa’attee xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Yaa’ii Idil Addunyaa Misoomaa Waaraa 15ffaa  Abuu Daabiitti gaggeeffamaa jirurratti ergaa dabarsaniiru.

Ergaasaaniin, Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaan yeroo ammaa humna haaromsaa bishaan, qilleensa, aduufi hurka irraa maddisiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Qabeenya guddaa qabdu kanaan bara faranjootaa 2050’tti gadi lakkifama kaarboonii zeeroorraan gahuuf galma keessee xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.