Ityoophiyaan Baankii Addunyaarraa deeggarsa Doolaara miiliyoona 210 argatte
Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Baankii addunyaarraa deeggarsa Doolaara miiliyoonaa dhibba 2 fi miiliyoona 10 argachuu ibsame.
Deeggarsichis naannawaa hanqina roobaa qabanitti proojektii babal’ina bishaan lafa jalaa misoomsuun saaniteeshiniifi misooma jallisiif oolchuuf kan qophaa’edha jedhameera.
Proojektiiwwan kunneen Ministeeraa jallisii fi Nannawaa Gammoojiiitiin waggoottan shan keessatti kan hojiirra oolaan yoo ta’u, lammiilee biyyattii nannawaa gammoojjii jiraataan fayyadamoo taasisaa jedhameera.
Hooggantoonii fi ogeeyyiin ministeerichaa jila baankii addunyaa waliin wayita mari’atanitti, deeggarsi maallaqichaa Ministeeraa Maallaqaan ergaa mallattaa’ee fi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan ergaa ragga’een booda kan hojiirra ooluudha jedhameera.
Proojektiiwwan kunnenn biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti naannawaa bishaan lafa jalaa baay’inaan argamutti, hanqinni roobaa jiruu fi naannawaa gammoojjiitti baankii addunyaan ijaaraman ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.