Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan agarsiisa Tuurizimii Konfiransii Jarman Fraankifartitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaacha jirti

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan agarsiisaTuurizimii Konfiransii “IMEX Frankfurt 2022” Jarman magaalaa Fraankifartitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Ministir Deetaa Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin durfamu saganticharratti hirmaachuu fi Biiroo Konveenshinii Ityoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi hariiroo uumuuf Jarman magaalaa Fraankifartitti kan argamu ta’uu eerameera.

Damee tuurizimii konfiransii milkeessuuf Ministeerri Tuurizimii qaamolee dhimmamtoota dhuunfaa damicharratti hirmaatan sadarkaa idil addunyaatti beeksisuurratti kan argamu ta’uu ibsameera.

Ministeerichi guyyaa kaleessaa fooramii imaammataa irratti hirmaachuu, hoggantoota olaanoo ICCA waliin mari’achuu fi Ministeera Tuurizimii Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa fi Ruuwaandaa waliin dhuunfaatti waliigaltee gamlamee mallatteessuu eerameera.

Jilichi konfiransicharratti hirmaachuun diinagdee biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu himameera.

Agarsiisicharratti Ityoophiyaa dabalatee bakka buutonni biyyoota 150 hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Agarsiisni Caamsaa 23-25,2014tti gaggeeffamu kun Biiroo Konveenshinii Ityoophiyaa beeksisuurra darbee walitti hidhamiinsa dhaabbilee koonfiransii qopheessanii uumuun damee tuurizimii daldalaan Ityoophiyaa milkeessuuf dandii kan saaquu fi maqaa gaarii biyyaa guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.