Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Afrikaatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi hidhanni diinagdee akka cimu ni hojjetti -obbo Dammaqaa

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan Afrikaatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi hidhanni diinagdee akka cimu kan hojjettu ta’uu itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan ibsan.
 
Waltajjii marii Daavoos guyyaa sadaffaatin, hoggansi biyyoota Afrikaa mata duree “ijaarsa nageenyaa Afrikaa” irratti mari’ataniiru.
 
Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan waltajjicharratti argamanis Ityoophiyaan nageenyi waaraa Afrikaatti akka bu’uu fi hidhanni diinagdee akka cimu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Biyyoota Gaanfa Afrikaa jidduutti caayaan nagayaa akka bu’uu fi diinagdeen fayya qabeessi akka jiraatu Ityoophiyaan of qusannaa malee ni hojjetti jedhan obbo Dammaqaan.
 
Ityoophiyaan gufuu jijjiirramaa ishee mudatu xiyyeeffannaan irra cee’uu fi nageenya waaraa ijaaruuf ejjennoo cimaa akka qabdu ibsaniiru.
 
Hoggansi biyyoota Afrikaa waltajjicharratti hirmaatanis Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuu fi hidhata diinagdee cimsuun murteessaa ta’uu ibsan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.