Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Ugaandaa tumsa gama Raayyaa Ittisaan qaban cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Ityoophiyaafi Ugaandaa tumsa gama Raayyaa Ittisaan qaban daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu Ministoroonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa biyyoota lameenii ibsan.

Ministiroonni Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyoota lameenii Walga’ii Karee Ministirootaa Raayyaa Ittisaa Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa 31ffaa Finfinneetti gaggeeffame cinaatti mari’ataniiru.

Mariisaaniin, biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaarratti tumsa isaanii cimsuun haala dhimmoota waloofi naannawichaarratti waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaay, Ityoophiyaan Ugaandaa waliin damee Raayyaa Ittisa Biyyaan tumsaa kan hojjettu ta’uufi waliigalteen kan jiru ta’uu dubbataniiru.

Waliigaltee biyyoota lameenii daran cimsuun haala danda’amurratti waliigaluu ibsaniiru.

Ministirri Dhimmoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Ugaandaa Viisiint Seebiichaan gamasaaniin, Ugaandaa damee nageenyaafi tasgabbiin tumsa Ityoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu kan barbaaddu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.