Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Keeniyaan yaaddoo nageenyaa naannawaa dangaa waloon ittisuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Keeniyaan yaaddoo nageenyaa naannawaa dangaa biyyoota lameeniirratti mul’atu waloon ittisuuf waliigaluu ibsame.

Jilli Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon durfamu hoggantoota olaanoo Keeniyaa waliin magaalaa Naayiroobiitti mari’ateera.

Mariisaaniin, haala dhimmoota nageenyaarratti waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Baacaa Dabaleen ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabrsaniin ibsaniiru.

Biyyoonni lameen yaaddoowwan nageenyaa daangaa biyyoota lameeniirratti mul’atu waloon ittisuuf waliigaltee waliif mallatteessuus eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.