Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Keeniyaan nageenya naannawaa mirkaneessuuf waloon oppireeshinii gaggeessan cimsanii itti fufsiisuuf walii galan

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC) – Dhaabbileen Nageenyaa Ityoophiyaafi Keeniyaa nagaaf tasgabbii naannawichaa mirkaneessuuf waljijjiirraa odeeffannoofi oppireeshinii waloon taasisan cimsanii itti fufuuf waliigalaniiru

Daayirektarri Tajaajila Basaasa Biyyaalessaa Keeniyaa Jeneraal Noordii Hajiin daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Daayrektarichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Daayirektarri Jeneraalaa Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xiruneefi hoggantoota olaanoon dhaabbatichaan simatamaniiru.

Dhaabbileen kunneen dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawichaarratti hojii hojjetan cimsanii itti fufuuf walii galuu isaanii ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.