Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Baankiin Addunyaa waliigaltee jalqabaa uwwisa bittaa kaarboonii waliif mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Ityoophiyaafi Baankiin Addunyaa waliigaltee jalqabaa uwwisa bittaa gadi lakkifama kaarboonii waliif mallatteessan.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideefi Baha Afrikaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Osmaan Diiyoon mallatteessaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan deeggarsi Doolaara miiliyoona 40 ta’u kunuunsaafi eegumsa bosonaa dabalatee itti fayyadama lafaa mijataa ta’e hojiirra oolchuufi gadi lakkifama kaarboonii hir’isuu dandeessisu  kan taasifamu ta’uu eerameera.

Waliigaltichi haphachuu bosonaa hir’isuuniifi misoomaafi kunuunsa bosonaa taasisuun tattaaffii gadi lakkifama kaarboonii hir’isuuf taasifamu kan deeggaru ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.