Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa, Moozaambiikiifi Hindii gidduutti hariiroo uummataa cimsuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Ityoophiyaa, Moozaambiikiifi Hindii gidduutti hariiroo uummataa akkasumas paarlaamaa haala  cimsuun danda’amurratti mariin gaggeeffame.

Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon hariiroo Ityoophiyaafi biyyoota lameen gidduu jiru irratti ambaasaaddaroota Moozaambiikiifi Rippaabiliika Hindii magaalaa Finfinnee jiraatan waliin mari’ataniiru.

Obbo Taaggasaan marii ambaasaaddara Moozaambiiki waliin taasisaniin, Ityoophiyaafi Moozaambiiki hariiroo paarlaamaa isaanii haala cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Hariiroon isaanii cimee haala hariiroo uummataafi michummaa isaanii hundeessuu danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Biyyoonni lameen hariiroo isaanii waggoottan lakkoofsise haaromsuuniifi cimsuun hariiroo dippiloomaasii isaanii guddisuu akka qaban anga’oonni kunneen ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Obbo Taaggasaan ambaasaaddara Hindii waliin hariiroo paarlaamaafi uummattootaa biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.