Ityoophiyaa miseensa daldalaa dhaabbata addunyaa taasisuuf mariin itti fufeera
Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan miseensa daldalaa dhaabbata addunyaa taasisuuf marii taasisaa jirti.
Sirna daldalaa addunyaa hogganaa kan jiru dhaabbanni daldalaa addunyaa hanga ammaatti lakkoofsi miseensoota biyyoota 164 kan qaqqabee yoo ta’u, Ityoophiyaa dabalatee sababoota garaagaraatin miseensa dhaabbaticha kan hin turree biyyoonni 9 ammoo mariin adeemsa miseensa ta’uurra jiru.
Ministeera Daldalaa fi hariiroo Naannawaatti Daayreektarri hariiroo daldalaa fi marii obbo Musee Mindaayee, hundeessitoonni biyyoota sooreeyyii ta’uu ibsuun, bara Faranajoota 1947 dhaabbatich wayita hundaa’uu biyyoonni Afrikaa hedduun sirna bittaa jala akka turan ni yaadatama.
Ityoophiyaa fi Laayibeeriyaa bulchiinsa sirna bittaa jala waan hin turreef hundeeffamaa dhaabbatichaarratti hin hirmaanne.
Sochiin daladalaa hedduu kan itti daddabarfamuu fi murtaa’uu dhaabbatichaanii, biyyoonni akka Ityoophiyaa miseensa dhaabbatichaa hin taanees qaajeltoo dhaabbatichi baasuun ni hogganamuu, miseensa ta’uu dhabuun hanqinaalee muudatan salphaa akka hin taanee ni kaafamaa.
Oomishaaleen Ityoophiyaas sabaaboota qulqullinnaa fi fayyaa hin qabneen gara biyyoota adda addaa akka hin seennee ni taasifamaa, oomishni Ityoophiyaa karaa biyyoota miseensa ta’aaniin wayita seenuu ammoo fudhatamaa ni argatu jedhameera.
Ityoophiyaan miseensa dhaabbaticha ta’uuf marii wagggoota 18 taasisaa kan turte yoo ta’uu, murtoon yeroon laatamuu dhabuu fi jala callisuuni.
Adeemsa marichaarratti hirmaataa kan jiran obbo Museen, Ityoophiyaan yeroo amma kana miseensa dhaabbatichaa ta’uuf xiyyeeffannoon laatamee 2019 sanaddoonni qophaa’uun gara adeemsichaatti deebiteetti jedhaniiru.
Fireeyhiwoot Saaffitu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.