Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa madda anniisaa haaromsaa Afrikaa Bahaa taasisuuf hojjetamaa jira-Ministeera Maallaqaa

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC)- Ityoophiyaa madda anniisaa haaromsaa Afrikaa Bahaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.

Tajaajilli humna elektirikaa Ityoophiyaa fi Humni Elektirikaa Ityoophiyaa raawwii hojii baatiwwan jaha 2014 Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee misooma bulchiinsa lafaa gamaaggameera.

Obbo Ahimad Shideen akka ibsanitti, mootummaan damee annisaaf xiyyeeffannoo laatee hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Hojii rifoormii damee madda annisaa fi raabsaarratti hojjetamaa jiru cimee akka itti fufuu fi hoggansaa fi raawwii damee proojektootaarratti xiyyeeffannoo laatamuu akka qabus yaadachiisaniru.

Gama dhaabbilee lameeniitinis maallaqni maamiltootarra walitti hin qabamne yeroon sassabamee keessayuu humni gara biyyoota ollaatti ergameerra maallaqni yeroon galii ta’uu akka qabu obbo Ahimad himuusanii ragaan Ministeera Maallaqaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.