Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa Keeniyaan kan wal qunnamsiisuu daandiin hawaasaa Mooyaalee fi giddu galli buufata too’annoo Gumrukaa waloon eebbifame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaa keeniyaa waliin kan wal walqunnamsisuu qaama ijaarsa Kooriidarii Moombaasaa – Naayiroobii- Finfinnee kan ta’e daandii Hawaasaa Mooyaalee fi proojektii buufata too’annoo Gumrukaa waloo eebbisiisaan.
Daandiin Hawaasaa Mooyaalee kun Kiiloo Meetira 500 kan dheeratu ta’uu fi ijaarsa isaaf Birriin biiliyoonni 6.3 baasii ta’uu daayreektarri daayreektoreetii Komiiniikeeshinii Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaa obbo Saamsoon Wandimmuun ibsaniiru.
Baajanni baasichaa deeggarsa liqii yeroo dheeraa Baankii Misooma Afrikaarraa argameen kan uwwifame ta’uu ibsaniiru.
Daandiin kun hojii eegaluuun isaa hariiroo daldalaa biyyoota lameenii caalmaati kan guddisu ta’uu himaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiya Ahimadii fi Preezdaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa dabalatee aanga’oonni olaanoon biyyoota lamaanii argamaniiru.
Miniychil Azazaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.