Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Soomaaliyaan Koriidarii Juubaalaand haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’atan

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Soomaaliyaan Koriidarii Juubaalaand haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuu isaanii ibsameera.
Haala sosochii diinaa waqtaawaa naannichaa ilaalchisee kan mari’atan yoo ta’uu, naannichatti waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’aniiru.
Maricharratti ajejaan seektara 2ffaa Birgaadeeraal Jeneraal Jamaa, itti aanaa ajejaan seektara 6ffaa Kolooneel Maakuurgaa Paanaarid, ajejaa olaanaa Mootaraayzidii 5ffaa Kolooneer Asaffa Makonniin, hoggantoonni waraanaa olaanoon naannoo Juubaalaandii fi hoggantoonni olaanoon damee nageenyaa Federaalaa SNA argamaniiru.
Ummattoonni Ityoophiyaa, Keeniyaa ffi Soomaaliyaa obboleewwan ta’uu itti aanaan Preezdaantii Juubaa Laand Mahimmuud Sayid dubbataniiru.
Rakkoo nageenyaa naannoo daangaatti muul’atu furuuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

 

Soomaaliyaatti humni nagaa kabachiisaa gamtaa Afrikaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa naannichatti nagaa buusuuf hojjechaa jiraachuu Itti aanaa ajejaan seektara 6ffaa Kolooneel Maakuurgaa Paanaarid ibsaniiru.
Humni nageenyaa naannichaa, hoggantooni hojii fi hawaasni cinaa isaanii dhaabbachuu akka qaban dubbachuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.