Ityoophiyaa haaraa keessatti gaaffiin mirga ofiin of bulchuu afaan qawween osoo hintaane deebii seera qabeessa barbaachisa- Aadde Adaanach Abeebee
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa haaraa keessatti gaaffiin mirga ofiin of bulchuu afaan qawween osoo hintaane deebii seera qabeessa barbaachisa jedhaan Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Gaaffiin mirga ofiin of bulchuu heera bu’uureffate Ityoophiyaa haaraa kana keessatti deebiin isaa afaan qawween osoo hintaane deebii seera qabeessa ta’e laachuudha jedhan.
Har’a ummattoonni Kibba Lixa Ityoophiyaa yeroo dheeraaf kaasaa kan ture gaafii naannoo ta’uu bifa naga qabeessa ta’een dhugoomeera.
Ummattoonni Kibba Lixa Itiyoophiyaa gaaffiin ummata keessanii kan firii itti argate guyyaa guddaa kana ga’uu keessaniif gammachuu natti dhagahame ibsachaa,maqaa kiyyaa fi Bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin baga gammaddan jechuun barbaada!! jedhaan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Carraan kuni naannoo keessan keessatti kan argamu qabeenya hedduu hin tuqaminii fi hawwata turizimii caalmaatti misoomsuun naannoo keessan darbees Ityoophiyaa kan itti badhaastan akka ta’un onnee korraa hawweera jechuun ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.