Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin waliigaltee liqaa Yuuroo miiliyoona 22 mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin paarkiiwwan indaastirii qonnaa qindaa’aaf kan oolu waliigaltee liqaa Yuuroo miiliyoona 22 mallateessan.
Waliigaltecha Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii Liwiijii Dii Maayoo mallateessaniiru.
Liqichi, paarkiiwwan indaastirii Bulbulaa, Buree, Yirgaalemii fi Ba’akoor cimsuuf, ijaarsa giddugaloota ce’umsa baadiyyaa naannawaa isaaniitti hundaa’aniif kan ooluudha jedhameera.
Waliigalteen liqaa kunis walta’iinsa diinagdee Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii kan cimsu ta’uu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shideen eeraniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Liwiijii Dii Maayoo, Xaaliyaaniin waltumsa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedha qabdu kan argisiisuudha jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.