Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduutti waliigalteen deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1.5 mallattaa’e

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduutti waliigalteen deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1.5 mallattaa’eera.

Waliigaltichi Imbaasii Xaaliyaanii Finfinneetti argamutti mallattaa’uu eerameera.

Deeggarsichi proojektii rakkoo qulqullinaa, nageenyummaa midhaan nyaataa, gabaa fi qophii midhaan nyaataa muudatu hambisuu fi mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Proojektichi Humna Namaa fi Manneen Yaalii damichaan hojiirratti bobba’an cimsuun rakkoo qulqullinaa fi nageenyummaa midhaan nyaataa mirkaneessuuf ta’uu himameera.

Magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota biyyattii 25 keessatti hojiitti kan hiikkamu ta’uu eerameera.

Waliigaltichi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasawuu fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Ambaasaaddar Agoositiinoo Paaleeseen gidduutti mallattaa’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.