Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi UAE’n misooma indaastirii fi invastmantiirratti waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii (UAE) misooma indaastirii fi dameewwan invastmantiirrattii waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Jilli Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abirahaam Balaayii fi Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan durfamu, koonfiraansii fi egzibiishinii raayyaa ittisaa idil addunyaa irratti hirmaachuuf Abudaabii galaniiru.

Turtii isaaniin Ittaanaa Muummee Ministiraa Emereetota Araba Gamtoomanii, Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Ministira Ittisa fi qondaaltota biroo waliin, dhimmoota walta’iinsaa hanga ammaatti turan caalmaan cimsuu fi babal’isuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Misoomni indaastirii ittisaa fi hojiileen invastimantii dhaabbatichaattis ta’ee Ityoophiyaaf faayidaa waaraa qabaatu hubachuun muuxannoo gaggaarii taasisuu bira darbee caalmaan bal’isuurratti mari’ataniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.