Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Turki dameewwan garaagaraan fayyadamtummaa diinagdee isaanii mirkaneessuun akka barbachisu eerame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Turki dameewwan akka daldalaa, fayyaa, invastimantii, aadaa fi ce’umsa teeknooloojiin walitti hidhamiinsa uumuun fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuun akka barbachisu eerame.

Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Dooktar Diimaa Nagawoon Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turki Baarki Baaraan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis biyyoonni lameen damee daldalaan, fayyaan, invastimantiin, aadaa fi ce’umsa teeknooloojiin walitti hidhuun fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuu akka qabaan Dooktar Diimaan kaasaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo biyyootaa ollaa faayyadamummaa waloorratti bu’uureffate uumuun nageenyi naannawaa akka mirkanaa’uuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Waggoota hedduuf hariiroon Ityoophiyaa fi Turki itti fufee jiru michummaa faayidaa biyyaalessaa ummatoota biyyoota lameenii bu’uureffate akka ta’es himaniru.

Ambaasaaddarri Turki Baarki Baaraan gama isaaniin, abbootiin qabeenyaa fi hayyoonni Turkii Ityoophiyaatti damee barnootaan, fayyaa fi invastimantiin bal’inaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Fuuldurattis, hariiroo jiru haala fooyya’aan cimsuuf biyyoota lameen gidduutti hariiroon dippiloomaasii paarlaamaa fi ummataa fi ummataa cimsan akka hojjetaman Ambaasaaddarichi eeraniiru.

Hojiilee guddina hunda-galeessaa lammiilee mirkaneessan itti fufsiisuuf nageenyi murteessaa ta’uu eeruun, Turkiin nageenyaa fi guddina Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuu itti fufti jechuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.