Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduutti Waliigalteen Ijaarsa daandii mallatteeffame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduutti daandii Palooch-Matiyaang-Maayiwut-Pagak ijaaruuf Jubbaatti waliigalteen mallatteeffame.

Ijaarsi daandichaa Lixa Ityoophiyaa fi Kaaba-Baha Sudaan Kibbaa walquunnamsiisa jedhameera.

Waliigaltecha Ministir Deetaa Ministeeraa Maallaqaa Dooktara Iyyoob Takkaallinyii fi Ministeera Maallaqaa Sudaan Kibbaa Dooktar Diyeer Toongi Nagoor mallatteessaniiru.

Dooktar Iyyoob sirna waliigaltechaarratti, ijaarsi daandichaa hariiroo daldalaa cimsuutti dabalataan ummatoota obboloota biyyoota lameenii daran kan walitti dhiyeessu ta’uu himaniiru.

Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir gama isaaniin, “Abdiin keenya waltumsuuf waliin tarkaanfachuudha; ummanni keenya kan arguu fedhus kana. Kunis ummatoota keenya kan walitti dhiyeessu, fedhiiwwan kan guutu pirojektii tarsiimawaadha” jedhaniiru.

Sirna waliigaltee Juubaatti gaggeeffamerratti biyyoota obbolaa lameen gidduutti walta’iinsa gamlameenii jiru guddisuuf kaka’umsa dureewwan mootummoota biyyoota lameenii kan argisiisuudha jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.