Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dhimmoota loltummaa irratti waloon hojjechuuf mallateessan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC)- Etaamaajoor Shuumoonni Waliigala Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa giddutti waliigalteen loltummaa mallata’eera.
 
Jilli Etaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Sudaan Kibbaa Jeneraal Joonsan Jumaa Ukkootiin durfamuu kaleessaa gitaa isaanii Ityoophiyaa waliin dhimmoota loltummaa biyyoota lamaanii irratti marii taasisaniiru.
 
Har’a ammoo dhimma mari’ataan irratti waliigalteerra ga’uun sirna mallattoo raawwataniiru.
 
Waliigaltichaan wal jijjiirraa odeeffannoo nageenyaa loltummaa biyyoota lamaanii, hojiiwwan al seerummaa daangaarratti raawwatamaanii fi daddabarsa meeshaalee waraana waloon ittisuu, dippiloomaasii loltummaa cimsuu, sochiwwan loltummaa adda addaa, barnootaa fi leenjiirratti waloon hojjechuun hammatameera.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.