Ityoophiyaa fi Paakistaan damee saayinsii fi teeknooloojiin waloon hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Caamsaa 4 ,2015, (FBC)- Ityoophiyaa fi Paakistaan damee saayinsii fi teeknoloojjiin waloon hojjechuuf waligaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltechi Ministeera Saayinsii fi Teknoolojjii Ityoophiyaa fi kan Paakistaan gidduuttii mallatteefame.
Waliigaltee Magaalaa Islaamaabaaditti gaggeeffameen, biyyoonni lameen dameechan muxannoo qaban waljijjiruu fi dandeettii isaanii kan itti mul’isan ta’uun eerameera.
Waligaltecha kan mallattessaan Ministir Deetaan Minsiteera Saayinsii fi Teknoolojii Dooktar Fooziyaa Amiin, waligaltechi biyyoonni lameen damee saayinsii fi dhaabbbiileen kalaqaa akka waliin hojjetaniif riqichaa kan uumaa ta’uu himaniiru.
Gorsaa Olaanaan Ministeera Saayinsii fi Teknooloojii Pakistaan Zaayinul Abaadiin, waliigaltechi Ityoophiyaa fi Paakistaan gidduutti tumsa haaraa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.
Waligaltechas yeroo gabaaba keessatti hojiirra oolchuuf ministeerichi murannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarrra aragame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.