Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Niizerlaand waliigaltee deeggarsaa Yuuroo miiliyoona 15.9 walii mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Niizerlaand waliigaltee deeggarsaa Yuuroo miiliyoona 15.9  walii mallatteessan.

Mallaqani kun bulchiinsa lafaa qindaa’a qunzilaa fi sagantaa misooma Awaash deeggaruuf oola jedhameera.

Proojaktichi fayyadamummaa hawaasaa hunda galeessa ta’e mirkaneessuu irratti xiyyeeffata jedhame.

Kana malees magaalaa fi baadiyaatti tajaajila bishaan dhugaatii waliin ga’uu fi qulqullina dhuunfaa fi naannoo ammayyeessuuf kan ooluu jedhameera.

Proojaktiin kun hawaasa kuma 22 ta’an omishtummaasaanii dabalaas jedhame.

Kanarra darbee dargaggoota 750 carraa hojii uumaaf.

Proojaktiin kun Yuunivarsiitii Finfinnee fi Dhaabbata misoomaa Niizerlaandiin akka hojiirra oolu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.