Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa damee Ji’oospeeshaaliin waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa damee Ji’oospeeshaaliin waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Jilli Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin durfamu ‘Ekispoo Ji’oospeeshaalii Ismaartii 2022’ Kooriyaa Kibbaatti Sadaasa 2-4, 2015 gaggeeffamurratti hirmaachuuf Kooriyaa Kibbaa galeera.

Jilichi Ministira Ministeera Bu’uraalee Misooma Lafaa fi Geejjibaa Hii Riyoongi fi hoggantoota mootummaa olaanoo biyyattii, akkasumas Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Dassee Daalkeen simatameera.

Hojiilee garaagaraa damichaan hojjetaman irratti mari’achuun waloon hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.