Ityoophiyaa fi Koomoroo hariiroo isaanii fooyyeessuuf waliigaltee mallatteessan
Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Koomoroo hariiroo dippiloomaasii isaanii fooyyeessuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin daawwannaa biyyoota Afrikaa 4 taasisan itti fufuun har’a Koomoroos daawwachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Obbo Dammaqaan Pireezidaantii biyyattii Azaalii Asumaanii waliin mari’ataniiru.
Hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisuun Pireezidaanti Azaaliif ibsa taasiisaniiru.
Pireezidaanti Azaaliin Dura Taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa ta’uu isaaniin marii sadee bu’aa qabeessa taasisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu isaanii Obbo Dammaqaan yaadachiisaniiru.
Ityoophiyaatti nagaan bu’uu isaatti gammaduu Pireezidaanti Azaaliin ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Biyyoonni lamaan tumsa waloo damee qonnaa fi misooma Qurxummiirratti qaban cimsuu akka qaban kaasaniiru.
Haalli Sudaan keessatti mudate mariin akka furamu waamicha dhiyeessaniiru.
Obbo Dammaqaan ergaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadirraa ergame Pireezidaanti Azaaliif laataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.