Ityoophiyaa fi Keeniyaan raawwii waliigalteewwan walii mallateessanii gamaaggaman
Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Keeniyaan raawwii waliigalteewwan walii mallateessanii gamaaggamaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, Barreessaa Olaanaa Ministira Dhimma Alaa Keeniyaa Kooriir Siingi Oyi waliin dhimmoota gamaa lameeniirratti mari’ataniiru.
Mariii isaaniin biyyoonni lameen dame daldalaan akkasumas bilisummaan socho’uu namootaa fi biyyootaatti lameenitti mirga tajaajilaa argachuu irratti raawwii waliigalteewwan duraan mallatteessanii gamaaggamaniiru.
Marichi Walga’ii Mana Maree Hoji Raawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jiru cinaattii kan gaggeeffame ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.