Ityoophiyaa fi Jiibuutiin dhimmoota daandii Baabuuraa Ityoo – Jiibuutii caalmaatti fooyyeessuun danda’amurratti mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Jiibuutiitti daawwaannaa hojii guyyoota 2 gaggeessaniru.
Wayita daawwaannaa isaanii dura taa’aa buufataalee jiibuutii idil addunyaa fi daldala bilisaa naannichaa Abbuubakar Oomaar Haadii walii mari’ataniiru.
Rakkoolee daandii Baabuuraa Ityoo – Jiibuutii quunnaman haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Hariiroo diinagdee biyyoota lamaanii mirkaneessuuf Daandii Baabuuraa Ityoo – Jiibuutii caalmaatti cimsuun murteessaa ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni agarsiisa.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen walitti qabaa boordii Kubbaaniyyaa Daandii Baaburaa Ityoo – Jiibuutiiti.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.