Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jibuutiin miseensa mana maree nageenyaa gamtaa Afrikaa ta’uun filataman

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jibuutiin miseensa mana maree nageenyaa Gamtaa Afrikaa ta’uun filatamuun isaanii ibsameera.

Biyyoonni lamaanuu waggoota lamaaf miseensota mana maree nageenyaa ta’uun kan tajaajilan akka ta’e ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa agrame ni mul’sa.

Manni maree kun walitti bu’iinsa ittisuu, hogganuu fi murtee laachuuf kan dhaabbatedha.

Afrikaatti walitti bu’iinsi akka hin ummamne dursee ittisuu fi haala yeroo qorachuun furmaanni hatattamaa fi yeroo isaa eeggate akka itti laattamuuf dhaabbata hundaa’edha.

Manni mare nageenyaa kun miseensota sagalee walqixa qaban 15 of keessaa qaba.

Miseensonni kunneen hundi mana maree hoji raawwachiiftuu gamtichaatin erga filatamnii, yaa’ii idilee gamtichaan ragga’a.

Miseensota kanneen keessa 5 turtii waggoota sadiif kan filataman yoo ta’u, 10 ammoo turtii waggoota lamaaf filatamu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.