Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jibuutiin dhimmoota nageenyaa, tasgabbii, barnootaa fi leenjiirratti waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jibuutiin dhimmoota nageenyaa, tasgabbii, barnootaa fi leenjiirratti  waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Waliigalticha kan mallateessaan Etaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa Waliigalaa Fildii Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ityoophiyaa fi Jibuutiin hariiroo baroota dheeraa qabachuu kaasuun, ummattoonni biyyoota lamaanii aadaa fi afaaniin obboleewwanii jedhaniiru.

Koreen raayyaa ittisa biyyaa biyyoota lamaanii teeknikaa fi tarsimoon waloon hojjechuuf waliigalteerra gahuun nageenya naannawaa mirkaneessuu faayidaa olaanaa qabas jedhaniiru.

Etaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Jibuutii Jeneraal Zakaariyaa Sheek Ibraahiim gama isaaniin, kana dura poolisoonni federaalaa biyyoota lamaanii naannawaa daangaarraatti yakkoota raawwatamaan ittisuuf waliigaltee mallateessuu yaadachiisaniiru.

Ityoophiya fi Jibuutiin dhimmota nageenyaa, tasgabbii, barnootaa fi leenjiirratti tumsaan waloon hojjechuuf waliigaluus himuun, waaligalteen kun biyyoota lamaaniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.