Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 3.5 mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 3.5 mallatteessaniiru.

Waliigaltee deeggarsaa kanas Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Ityoophiyatti Ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Takakoo mallateessaniiru.

Waliigalteechi hongeen, walitti bu’iinsaa fi sababoota garaagaraan lammiilee buqqa’an hanqina nyaataa mudatu hir’isuuf ruuzii Jaappaan toonii kuma 2 fi 250 Ityoophiyaaf kan dhiyeessituudha.

Deeggarsi ruuzi hanqina nyaataa hir’isuuf tattaafii taasifamu tumsuu bira darbee oomisha ruuzii bittaan alaa galu hir’isuun sharafa alaa qusachuuf gumaacha jedhameera.

Jaappaan bara 2015 eegalee oomishni ruuzii Ityoophiyaa akka fooyya’uuf deeggarsa taasisaa turuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.