Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jaappaan hariiroo ummata dhimmoota cimsanirratti mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC)- Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota hariiroo alaa fi nageenyaa Ityoophiyaatti Imbaasii Jaappaan waliin dhimmoota hariiroota ummata biyyoota lamaanii cimsanirratti mari’ataniiru.
Walitti qabaan korichaa Dooktar Nagarii Leencoon biyyoonni lamaan tumsa damee jijjiirrama qabeenya qilleensaa, Siyaasaa fi Diinagdeen eegalan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Nagariin haala waqtaawaa Kaaba biyyattii, waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi dhimma Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Ityoophiyaan qabdu ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoon gama isaaniin mootummaan Jaappaan lammiilee naannoo Tigraayiif kan oolu deeggarsa meeshaalee fi midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 5.4tti tilmaamamu taasiisuu ibsaniiru.
Deeggarsi eegalam cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru.
Ittoo Taakaakoon Jaappaanii fi Ityoophiyaan hariiroo damee barnootaa, Fayyaa fi Diinagdeen qabaman cimsuuf walitti dhiyeenyaan kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.