Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Hind hariiroo waloo cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koree dhaabbiin dhimmoota nageenyaa fi hariroo alaa Ambaasaaddara Hindii Roobart Shatkiintoongii fi jaalleewwan hojii isaa waliin haala hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Gareen Paarlaamaa biyyoota lamaanii hariiroo michummaa isaanii cimsuun dameewwaan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan walitti dhiheenyaan hojjechuu qabu jedhan walitti qabaan Koree dhaabbichaa Dooktar Nagarii Leencoon.

Biyyoonni lameen aadaa fi seenaan walfakkaatu qabaachuu kan himan Dooktar Nagariin, hariiroo durii eegalee jiru caalmaatti cimsuuf gama paarlaamaan tattaaffiin ni taasiifama jedhan.

Ityoopiyaatti hojii Invastimantiirratti hirmaachuun Hindi Chaayinaatti aantee sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu ta’uu eeraniiru.

Dooktar Nagariin,duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti raawwatamee fi hojiilee misoomaa duulicha booda hojjetaman ilaalchisee garichaaf ibsa laataniiru.

Hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf barnootaan, daldalaa, Invastimantii, Tuuriizimii fi walitti dhufeenya ummatarratti waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu Ambaasaaddar Rooberti dubbataniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.