Ityoophiyaa fi Gaanaan dhimmoota waloo fi Afrikaarratti tumsaan ni hojjetu – M/Ministiraa Abiya Ahimad
Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad simannaa hoo’aa Akiraatti taasiifameefiif Preezdaantii Gaanaa Naanaa Akuufoo Addoo galateeffataniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad masaraa mootummaa biyyattii magaalaa Akiraatti argamutti simannaa isaaniii fi jila isaaniin durfamuuf taasiifameef Preezdaantii Gaanaa Naanaa Akuufoo Addoo galateeffataniiru.
Dhimmoota hedduurratti marii waloo taasiisuu isaanii ibsaniiru.
Ityoophiyaa fi Gaanaan dhimmoota waloo fi Afrikaarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.