Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Faransaay gidduutti waliigalteen deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.02 mallatteeffame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi mootummaa Faransaay gidduutti waliigalteen deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.02 mallatteeffamuu ibsameera.

Waliigaltichi proojektiiwwan garaagaraa 3 Ityoophiyaa keessatti ijaaraman mootummaan Faransaay maallaqaan kan deeggaruu ta’uu ibsameera.

Proojektiin jalqabaa hojii hambaalee seenaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman suphuu fi kunuunsuuf kan oolu ta’uu eerameera.

Proojektii 2ffaan ijaarsa giddugala leenjii dhaabbata Humna Elektrikaa Ityoophiyaa ijaaramaa jiruuf meeshaalee tajaajilaa guutuuf kan oolu ta’uu eerameera.

Inni 3ffaan deeggarsa Ejensii Waldaalee Siiviilii Hawaasaaf kan oolu ta’uu eerameera.

Waliigalticha Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa aadde Samaareetaa Sawaasawuu fi  Ityoophiyaatti hogganaan Dhaabbata Misoomaa Faransaay Vaaleerii Ti’awoo mallatteessuu  ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.