Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Fandiin Misoomaa Saawdii Arabiyaa waliigaltee liqaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 mallatteessan

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Fandiin Misoomaa Saawdii Arabiyaa waliigaltee liqaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 mallatteessan.

Waliigaltichas ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi itti aanaan dura taa’aa fandichaa Kaaliid Alkihuudraan har’a mallatteessaniiru.

Liqichi dhala xiqqaa fi yeroo dheeraan kan kaffalamudha.

Maallaqicha keessaa Doolaarri miiliyoonni 75 daandii Dabra Maarqoosii – Mooxaa kiilo meetira 118 ijaaruuf oola.

Doolaarri miiliyoonni 65 ammoo sagantaa ‘waan wash’ biyyoolessaaf oola jechuun kan gabaase Alaazaar Taaddalaati.

Dabalataan naannoo Afaarii fi Somaaleetti humna elektiriika maddisiisuuf waliigalteen dhaabbata Saawdii Arabiyaa ‘Akwaa Paawar’ waliin mallatteeffameera.

Waliigaltichi tumsa mootummaa fi damee dhuunfatiin naannolee lamaanitti iddoo Gaadii fi Decheettootti humna haaromurraa elektiriika meeggaa waatii 250 maddisiisuu kan dandeessisudha.

Proojaktichi tumsa mootummaa fi dhuunfaan Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 ijaarrama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.